finfinne.net

HOME | OROMO NEWS | ARTICLES | VIDEO | LINKS
Link to picture,radio and videos

Oromo video images
Music, Gospel & More



Kofi Annan’s last job: call fallacious ‘Addis Ababa’ Finfinne, capital of Oromo Ethiopia!

The Cause of the Oppressed Oromos in Ethiopia Deserves Support

Repression against Oromo in Ethiopia

OROMO
Anaa-nyatu saba koo Saba dhiigaan tokkoo Saba Afaan tokkoo Saba aadaan bal'aa! Mee of keessaa baasi Muka qottoo jal'aa Qabsoo faffaca'aa Warri itichaa jirtan Bishaan miila gaye Mataa hin anqatuu Yeroo Baale reeban Shawaan maaf hin kaatuu Yoo Arsii xuqan Wallagga maa hin kaatuu Yoo Arargeen xuqan Booranni maaf teessaa? Nuti dhiiga tokkoo Oromoo dhageessaa? Akka ilmaan Hoolotaa Tokko yoo qalatan Kaan, alala nyaatan Jedhan yoo mammaakan Qabsoo itichinaa Nuti ilmaan namaatii Yoo Amboo jalqabe Jalqabaa jimmatti Wallaggatti dabarsaa Qaarsisaa baaletti Harargettis himaa Warra Haroo maayaatti Hin dagatin dhaamaa Ijoollee Booreetti Wallo hin irraafatin Warra goraadeetii Qabdanii nu hin qaltan Hooftanii nu hin hiitan Nuti ilmaan namaatii Nuti Hoolota mitii Wal irratti lolaa Oromoon ka'aatii Ijaarsa, ijaarsa Ijaarsa barbaadaa Qabsoon ta'uu qabaa Oromootaaf aadaa Mirga koo hin dhiitin Qabeenyaa koo hin saamin Aadaa koon tifkadhaa Mirga koon eeggadha Ani ana malee Eenyumalleen mitii Ta'uullee hin dandayuu Gara fuulduraatti. Ani yoon of tuffadhee Jarattis makame Kan isaaniirra hin jiruu Kan koo irraas haqamee Waan nama feesisu Namaaf barbaachisu Mantaafii Aadaa Afaaniifii biyya Nan qabaafan iyyaa Kan namaatiif mitii Maafan dhiisa kiyyaa? Maan callisee laalaa Akkuma wallaalaa Daljeessi abbaa maasaa Akkamittiin dhaalaa? Hattuu alaa dhufee Mana sitti diigu Yoo ati irribaa... dammaqixe Kan fiigu Dabeessa abbaa garaa Isa onnee hin qabne Mataa irrtti baannaa Ari'uu dadhabnee?
From Oromo's mail to ona@oromiannationalacademy.com September 14, 2006
Finfinne search
Search Afaan Oromo words on the web.
fotter

Copy right © www.finfinne.net

Contact Address: webmaster@finfinne.net

Last update:

Started : August 27, 2006